Eebbifamtoota M.A. fi PhD bara kana barnoota keessan xumurtaniif baga gammaddanin jedha. Boqonnaa kana kan xumurtan weerara dhiphisaa #COVID-19 keessa taatanii ta'us, barnoota keessan teeknooliijiitti fayyadamtanii xumuruuf kutannoofi ciminni argisiiftan kan dinqisiifatamudha. Akkaataa haalichaan walsimuu danda'uun of qopheessuu keessanis kan argisiisudha. Jijjiiramoota ariifataa addunyaa keenyarratti mul'ataniif akkaataadhuma haalotasaaniif ta'uun of qopheessuun, namoota gufuuwwan kamiinuu dandamatanii moo'ichaan bahan ta'uu qabna. Boqonnaa jireenya keessanii ittaanuutti yoo deemtan beekumsiifi ogummaan kuufattan biyya keessaniifi lammiileeshee ittiin tajaajiluuf akka oolchitan abdiifi amantaakooti. Badhaadhinni biyya keenya Itoophiyaa ilmaanshee dhiiraafi dubaraa barnootasaaniitiin riqichoota qunnamsiisan ijaaruudhaan ashaaraasaanii kaa'chuuf barbaadan harka jira.
Congratulations to MA and PhD level graduates for successfully completing your studies. Although you mark a milestone during precarious times of #COVID19, your commitment and perseverance to finalize your studies online is commendable and testament to your adaptability. The rapid changes in our world demands adaptable individuals who are able to weather any obstacles and come out winners. As you embark on your next chapters in life, may the knowledge and skills you have accumulated be in service to your country and fellow citizens. Ethiopia’s prosperity sits on the shoulders of its sons and daughters who through their education build bridges and aspire to leave a constructive legacy.